Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa yaalii Miisaa’eloota fageenya gaggabaaboo furgugsuu taasifte

Finfinnee, Eebila 6, 2012 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa yaalii Miisaa’eloota fageenya gaggabaaboo furgugsuu hedduu taasisuu beeksifte.

Wayita addunyaan weerara vaayrasii koroonaan dhiphina keessa jirtutti Piiyoongiyaangi yaalii meeshaalee waraanaa furgugsuu cimsee itti fufteerti jedhame.

Biyyattiin miisa’eloota fageenya gaggabaaboo galaanaa Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaan gidduutti argamurratti yaalaa jiraachuu beeksifteerti.

Yaalii furgugsaa kana waraanni waloo Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaa haala jiru qulqulleessaa jiru jedhame.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Maddi:- reuters.com

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.