Fana: At a Speed of Life!

Ambasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Muusaa Faakii Mahaammat waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 5, 2016 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa Ambasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaa fi Gamtaan Afrikaa hariiroo seenaa qabeessa bara dheeraa lakkoofsise qabaachuu Ambaasaaddar Taayyeen marii isaaniin kaasaniiru.

Itiyoophiyaan miseensaa fi biyya Teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uu isheen deeggarsa gamtichaaf taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.

Dippiloomaasiin Itiyoophiyaa Nageenya fi Tasgabbii Afrikaaf qooda olaanaa qabaachuu Muusaa Faakii Mahaammati ibsaniiru.

Ambaasaaddar Taayyeen Ministira Ministeera Dhimma Alaa FDRI ta’uun muudamuu isaaniif baga gammaddan jechuun bara hojii gaarii hawwaniifiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.