Fana: At a Speed of Life!

Rakkoon sagantaa barnoota gannaa mudate yeroo dhiyootti furmaata argata – Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Guraandhala 5, 2016 (FBC) – Rakkoon sagantaa barnoota gannaa mudate yeroo dhiyootti furmaata kan argatu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksiise.

Rakkoon sagantaa barnoota ganna sababa Covid – 19, qormaata 12ffaa fi Kalaandara Akkaadaamii baasuuf adda citee ture yeroo dhiyootti furmaata kan argatu ta’uu Ministeera Barnootaatti Itti Gaafatamtuun Hoggansa Misooma Barsiisootaa fi barnootaa Asagadachi Mirreessaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Kanaafis ragaan barsiisota sagantaa gannaan barnoota hordofaa turanii qulqullaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbilee barnootaa sagantaa gannaan Barsiisoota barsiisaa turan waliin guyyoota 15 itti aanan keessa marii kan gaggeessan ta’uu Aadde Asagadachi eeraniiru.

Eebbifamtoonni bara kana akka eebbifaman ragaa isaanii walitti qabuun guyyoota 45 keessatti murtoon kan ifoomu ta’uu dubbataniiru.

Afawarqi Iyyaayuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.