Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi sadarkaa ajandaa filachuurra ga’uu ibse

Finfinnee, Guraandhala 4, 2016 (FBC)- Komishiniin Marii Biyyaalessaa boqonnaa jalqabaa xumuruun sadarkaa ajandaa filachuurra ga’uu beeksise.

Komishinichi ibsa kenneen, hojiilee hanga ammaatti hojjetamaniin hirmaattoota adda baasuu dabalatee adeemsa marichaaf hojiilee bu’uuraa ta’an bal’inaan hojjetamuu ibseera.

Komishinarri Olaanaa Komishinichaa Pirofeesar Masfiin Ar’aayaan, Naannoo Tigraayirraan kan hafee naannolee hundatti aanaalee kuma 1 fi 400’tti mariin gaggeeffamuu kaasaniiru.

Naannolee Tigraayii fi Amaaraatti akksumas Naannoo Oromiyaa bakkoota muraasatti hojiileen hafan fuulduratti kan xumuraman ta’uu dubbataniiru.

Boqonnaa ittaanuun sadarkaa federaalaa, naannolee fi lammiilee Itiyoophiyaa ala jiraatan miseensota diyaaspooraarraa hojiileen ajandaa walitti qabuu kan gaggeeffaman ta’uu akeekaniiru.

Hojiin ajandaalee walitti qabuu erga xumurameen boodas ajandaalee walitti qabaman gara waajjira olaanaatti fiduun hojiin calallii kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.

Adeemsichi hunda kan hirmaachisee akka ta’uufis kan hojjetamudha jedhan Pirofeessar Masfiin.

Koomiishiniin Marii Biyyaalessaa sarara bilbilaa bilisaa 8112 fi giddugalaa simannaa ergaa gabaabaa hojii eegalchiisuus ifoomsaniiru.

Dabalataanis marsariittii https://ethiondc.org.et hojii eegalchiisuu dubbataniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.