Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee jiran furuuf waldhaggeeffachuu fi waliin mari’achuun murteessadha – Obbo Awwal Aarbaa

Finfinnee, Guraandhala 2, 2016 (FBC) – Rakkoolee jiran furuuf waldhaggeeffachuu fi waliin mari’achuun murteessaa ta’uu Pireezidaantiin naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan ibsan.

Magaalaa Jimmaatti mariin ummataa mata duree “Obbolummaa Sabdaneessa Nageenyaa Waaraafi Badhaadhinaa Hunda Galeessaaf” jedhuun gaggeeffameera.

Maricharratti kan hirmaatan Pireezidaantiin naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan, rakkoolee jiran furuuf waldhaggeeffachuu fi waliin mari’achuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Nageenya waaraa mirkaneessuuf hojii qindoomina gabbisuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Qaamoleen walitti bu’iinsaa fi waraanaarra fayyadaman waan jiraniif sochii isaanii dhaabsiisuu qabna jedhan.

Qabeenya uuman ni badhaase adda baasuun irraa fayyadamuuf cichinee hojjechuu qaban jedhaniiru.

Wandimmuu Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.