Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan qormaatilee hedduu kan ceete tokkummaa ummata isheeni – Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Guraandhala 2, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan qormaatilee walxaxaa hedduu kan ceete Ummanni biyyattii tokkummaa sabdaneessaa hundee cimaa qabu waan qabaniif ta’uu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen eeraniiru.

Marii Nageenyaa Godina Gujii Magaalaa Bulee Horaatti gaggeeffamaa jirurratti kana argaman Dooktar Almuun, biyyattiin qabeenya uumamaan kan badhaate, humna oomishtummaa hedduu fi lafa bal’aa osoo qabduu hiyyummaa keessa jiraachuu eeraniiru.

Rakkoolee jiran adda baasuun furmaata laachuuf mariin hawaasaa kun murteessaa ta’uu himaniiru.

Hojiileen bu’uuraalee misoomaa hedduun eegalamanis sababa rakkoo nageenyaan faayidaa hawaasaaf ooluu hin dandeenya jedhan.

Rakkoo nageenyaa mudate waaraan furuuf hirmaannaan hawaasa hundaa dirqama ta’uu hubachiisaniiru.

Maartaa Geetachoo fi Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.