Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaa sabdaneessaa fi Obbolummaa caalmaatti cimsuun Badhaadhina hunda galeessa ni milkeessina – Obbo Geetahuun Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 2, 2016 (FBC) – Tokkummaa sabdaneessaa fi Obbolummaa caalmaatti cimsuun Badhaadhina hunda galeessa ni milkeessina jedhan Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Geetahuun Abdiisaa.

Marii Nageenyaa Godina Gujii Magaalaa Bulee Horaatti gaggeeffamaa jirurratti kana argaman Obbo Geetahuun Abdiisaan, ‘jijjiiramni jiraachuu diinnillee ni amana’ jechuun ibsaniiru.

Itiyoophiyaan rakkoo keessa taatee guddina galmeessaa jiraachuu kaasaniiru.

Rakkoo gama nageenyaan jiru furuuf jiraattoonni qooda isaanii akka ba’an gaafataniiru.

Tokkummaa sabdaneessummaa fi Obbolummaa caalmaatti cimsuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Maartaa Geetachoo fi Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.