Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad ummanni naannolee gabaatti walirraa fageenya qaamaa akka eegu dhaaman

Finfinnee, Eebila 5, 2012(FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ummanni naannolee gabaatti walirraa fageenya qaamaa akka eegu dhaaman.

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf akkaataa labsii yeroo ariifachiisatiin ummanni walirraa hiiqinsa qaamaa akka eegu dhaamaniiru.

Gabaan namota hedduuf madda galiiti, jireenyaa fi diinagdee hawaasaa utubuu keessattis ga’ee olaanaa qabu jedhan Dooktar Abiy ergaa karaa fuula Feesbuukii isaanitiin dabarsaniin.

Yaata’uutii weerara vaayrasii koroonaa addunyaa mudate osoo hin dagatin, ummanni walirraa hiiqinsa qaamaa akka kabaju waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.