Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Geetuun durfamu Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Halleetti qophii biqilaa baala shaayii daawwate

Finfinnee, Amajjii 30, 2016 (FBC) – Jilli Hoogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Halleetti hojii qophii biqilaa baala shaayii daawwateera.

Aanaalee Godina Iluu Abbaa Boor hunda keessatti biqilaa baala shaayii miiliyoona 204 buufata biqilaa 97 keessatti qopheessuuf hojii duulaan hojjetamaa jiruun hanga ammaatti pootii miliyoonni 75 dhaabbachuun Bulchaan godinichaa Obbo Indaalkaachoo Tafariin himaniiru.

Oromiyaatti biqiltuu baala shaayee miiliyoona 404 lafa hektaara kuma 30 irratti misoomsuuf karoora qabame keessaa hanga ammaatti biyyoo poolitiin tiyuubii miiliyoona 220 xaqaaxxaquun miiliyoonni 165 dhaabbachuu Obbo Geetuun himaniiru.

Hojii inisheetiivii misooma baala shaayee kana milkeessuuf humna waloo qaamolee hawaasaatiin hojiin Birriibiliyoona 1.5 tilmaamamuun hojjetamaa jiraachuu Obbo Geetuun ibsuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.