Fana: At a Speed of Life!

Humni Qilleensaa Ramaddii 3ffaan farreen nageenya fi Alshabaabiin dhabamsiisuu keessatti seenaa olaanaa kan qabuudha-L/J Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Amajjii 30, 2016(FBC) – Humni qilleensaa Ramaddii 3ffaan farreen nageenyaa fi Alshabaabiin dhabamsiisuu keessatti seenaa olaanaa kan qabuudha jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.

Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan adeemsa leenjii raawwii dirqamaa fi barattoota balalii ramaddii 3ffaa humna qilleensaa daawwataniiru.

Daawwannicharratti Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan akka jedhanitti, ramaddichi shira qaamolee biyyatti diiguuf socho’anii fi Garee Shororkeessaa Somaaliyaa Alshabaabiin dhabamsiisuun, tasgabbiin akka mirkanaa’uuf gahee murteessaa bahateera.

Barattoonni balaliis, leenjii isaanii sirnaan fudhachuun ergama dhaabbatichaa galmaan ga’uu akka qaban kaasan.

Fuuldurattis sadarkaa tarsiimawaatti qophaa’ummaa dirqama biyyummaaf gita barbaachisuun hoggansii fi miseensi ramaddichaa qophaa’uu akka qaban hubachiisan.

Humni Qilleensaa Ramaddii 3ffaan seenaa qabsoo isaan bakka ogeeyyiin balalii fi aviyeeshinii hedduun ba’an ta’uu Letenaal Jeneraal Yilmaan dubbachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Ajajaan Humna Qilleensaa Ramaadii 3ffaan Letenaal Koloneel Darajjee Bushreen gama isaaniin, ramaddiin humna qilleensichaa jijjiiramaan booda, haala hojii mijataa akka carraatti fayyadamuun hojiilee bal’aa hojjechuu akksumas raawwii dirqamaa olaanaa bahachuuf sadarakaa dandeessisurratti kan argaman ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.