Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Maqidas Dhaabaa eenyu?

Finfinnee, Amajjii 30, 2016(FBC) –Dooktar Maqdas Dhaabaa Magaala Finfinneetti dhalatanii guddatan.

Yuuivarsiitii hawaasatti Ogummaa fayyaan Digirii Jalqabaa, akkasumaas Fayyaa Hawaasaan Digirii 2ffaa argataniiru.

Fayya Walhormaataa fi karooraa maatiin ‘Sab ispeeshaalaayizdi’ ta’uun, ogummaa barataniin waggootaa dheeraa tajaajilaniiru.

Kana malees yuunivarsiitiiwwan idil addunyaatti koorsiiwwan gaggabaaboo fudhataniin warqaalee ragaa argachuun ogummaa isaanii gabbifataniiru.

Muuxannoo hojiitiinis Yuunivarsiitii Hawaasaatti Pirofeesara gargaaraa ta’uun barsiisummaan tajaajilaniiru.

Akkasumas Ittigaafatamtuu Barnoota Fayyaa Yuunivarsiitichaa ta’uun tajaajilaniiru.

Pireezidaantii Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Ulfaa fi Gadameessaa ta’uunis tajaajilaaniiru.

Dooktar Maqidas Dhaabaan Daayrektara Olaantuu Giddugala Fayyaa walhormaataa ta’uun tajaajilaniiru.

Yeroo ammaa Waajjiraa Olaanaa Dhaabbataa Fayyaa Addunyaa Siwiizarlaand Jeneevaatti argamutti, Ogeetti Olaantuu Gargaartuu Addaa Daayrektra Olaanaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.

Dooktar Maqdas Dhaabaan damee ulfaa fi gadameessaan qorannoo taasisaniin bara faranjootaa 2021 badhaasaa wal’aansaa ulfaa fi gadameessaa damee dubartootaan injifachuun kan yaadatamuudha.

Guyyaa har’aas Ministira Fayyaa ta’uun akka tajaajilaniif Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa muudama isaanii raggaasiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.