Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Paartii badhaadhinaa muudamicharratti mari’achaa turuun kan murteessaniidha-Dooktar Abiy

Finfinnee, Amajjii 30, 2016(FBC) –Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa muudama dhiyaaterratti mari’achaa turuun kan murteessan ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dubbatan.

Dooktar Abiy Ahimad muudama garagaraa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessan irratti akka jedhanitti, Paartiin Badhadhinaa kaadhimamtoota hedduu keessaa muuxannoo qabanii fi Itiyoophiyaa tajaajiluu kan danda’an horachuuf kan murtaa’e ta’uu hubachiisan.

Keessumaa muudamtoonni lama Paartii Badhaadhinaatiin ala ta’uun, Itiyoophiyaaf dursa kennuu fi muuxannoo fi beekumsaa qofaa ulaagaa taasifameen kan kenname ta’uu himaniiru.

Paartii kamuu keessaas ta’uu muuxannoo fi beekumsaa kanneen qaban jhoggansarratti fiduun kan itti fufu ta’uu Dookta Abiy dubbataniiru.

Aadaa walbakka bu’uu paartichi hordofuun Ministira Muummee Ittaanaa Duraanii Obbo Dammaqaa Mokonniin, hojii raawwachiisummaa paartichaa keessaa kabajaan gaggeessuu yaadachiisaniiru.

Manni marichaas guyya har’aa yaa’ii gaggeesseen Obbo Tamasgeen Xurunaa Ministira Muummee Ittaanaa, Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee Ministira Dhimma Alaa fi Dooktar Maqidas Dhaabaa Ministira Fayyaa akka ta’an muudama dhiyaate sagalee guutuun raggaasiseera.

Taarikuu Laggaasaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.