Fana: At a Speed of Life!

Obbo Tamasgeen Xurunaa Ministira Muummee Ittaanaa ta’uun muudaman

Finfinne, Amajjii 30, 2016(FBC)–Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaa’ii idilee 15ffaa bara hojii 3ffaa har’a gaggeesseen Muudamoota garagaraa raggaasiseera.

Haaluma kanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa Ministira Muummee Ittaanaa ta’uun muudamaniiru.

Dabalataan, Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaaseen Ministira Dhimma Alaa ta’uun muudamaniiru.

Kana malees Dooktar Maqidas Dhaabaa Ministira Fayyaa ta’uun muudamaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad seenduubee muudamtootaa mana marichaaf kan dhiyeessan yoo ta’u, manni marichaas muudama dhiyaate sagalee guutuun raggasiseera.

Muudamtoonnis Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa duratti kakuu raawwataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.