Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaan ogeeyyii miidiyaalee kuma 1oliin uwwisa argata jedhame

Finfinnee, Amajjii 29, 2016 (FBC) – Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaan ogeeyyii miidiyaalee biyya keessaa fi alaa kuma 1oliin uwwisa kan argatu ta’uu ibsame.

Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaan Guraandhala 9-10, 2016 magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama jedhame.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Gaazexeessitoonni biyya keessaa fi Alaa baajii seensaa akka argataniif hojjechaa jiraachuu ibseera.

Abbaan taayitichaa miidiyaaleen biyya alaaf hojii haala mijeessuu hojjetaa jiraachuu ibseera.

Yaa’ichi uwwisa miidiyaa olaanaa akka argatuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojiilee bal’aa hojjechaa jiraachuu himeera.

Miidiyaalee yaa’ichaaf uwwisa kennan sirnaan keessummeessuun maqaa Itiyoophiyaa ijaaruu ta’uu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa ibseera.

Hanga ammaatti Gaazexeessitoonni biyya keessaa fi alaa 350 ol galmaa’uu ragaan abbaa taayitichaarraa argame ni mul’isa.

Yeroo itti aanus hojiin galmee miidiyaalee yaa’ichaaf uwwisa miidiyaa laatanii kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.