Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaan baankota nyaataa hundeeffaman daawwatan

Finfinnee, Eebila 5, 2012(FBC) – Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman baankota nyaataa hundeeffaman daawwatan.

Gosootni nyaataa addaddaa gara baankii nyaataatti galfamaa kan jiran yammuu ta’u, caasaan hawaasaf amma manaatti nyaata dhiyeessus diriirfamuun ibsameera.

Baankiin nyaataa sababii weerara vaayrasii koroonaatin lammiilee hanqinni nyaataa isaan mudachuu malu deeggaruuf kan hundaa’edha.

Jiraattonni magaalichaas baankii nyaatichaatif deeggarsa laachaa jiru.

Itti aanaan kantiibichaas hawaasni tumsa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.