Fana: At a Speed of Life!

Piroojektoonni namummaarraatti xiyyeeffatan magaaloota garaagaraatti akka babal’an ni hojjetama – Aadde Adaanach Abeebeen

Finfinnee, Amajjii 26, 2016 (FBC) -Piroojektoonni namummaarraatti xiyyeeffatan magaaloota garaagaraatti akka babal’an kan hojjetamu ta’uu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanach magaalaa Goondaritti giddu gala Nyaataa Ijaaramuuf dhagaa bh’uuraa kaa’aniiru.

Aadde Adaanachii fi Pireezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leddaamoon waloon dhagaa bu’uuraa kana kaa’aniiru.

Magaalaan Finfinnee fi Goondar magaalota obboleeyyanii tumsan hojjetan ta’uu Aadde Adaanach ibsaniiru.

Magaalaan Finfinnee piroojektoota namummaarratti xiyyeeffatan hedduu hojjechaa jiraachuu eeruun,kunis magaaloota birootti akka babal’atu mootummaan hejjetaa jiraachuu ibsaniiru.

Ijaarsi giddu gala Nyaataa magaalaa Goondar kun waayita xumurame bulchiinsi magaalaa Finfinnee baasii isaa guutummaan uwwisu ta’uu dubbataniiru.

Ijaarsa piroojektichaaf bulchiinsi naannoo Sidaamaa Birrii bmiiliyoona 10 deeggarsa taasiisu Pireezidaantiin naannicha Obbo Dassitaa Leeddammoon ibsaniiru.

Piroojektoota namummaarraatti xiyyeeffatan babal’isuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Kantiibaan Magaalaa Goondar Baayyuu Abbuuhay ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.