Fana: At a Speed of Life!

Hojiin Kominikeeshinii Bu’aa Qabatamaatiin Madaalamuu qaba – Obbo Hayluu Addunyaa

Finfinnee, Amajjii 26, 2016 (FBC) – Hojiin Kominikeeshinii Bu’aa Qabatamaatiin Madaalamuu akka qabu Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayluu Addunyaan ibsan.

Biirichi raawwii hojii baatii jahaa Magaalaa Adaamaatti qorateera.

Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa tooftaa kominikeeshinii adda addaafi miidiyaatti fayyadamuun immaammataafi tarsimoo Mootummaa hojjirra oolchuun wal hubannaan gaariin akka jiraatuuf hojiin hojjetamaa jiru cimee akka itti fufuu qabu ibsanii jiru.

Kurmaana lamaan darban keessatti hojiin fooyya’insa qabu kan itti mul’ate ta’uu eeraniiru.

Ammas jijjiirama mul’achaa jiru cimsuuf iddoo hundatti miirri wal dorgommii fi deeggarsaa fi hordoffii caasaalee sadarkaa jiranii cimsuun bu’aa caaluuf hojjechuun murteessaa ta’uu Obbo Hayiluun ibsanii jiru.

Karoora qabame karaa guutuu ta’een milkeessuuf sadarkaa hundatti waan karoorsan qabatamaan hojitti hiikuun bu’aan madaalamaa deemuun murteessaa ta’uu eeruu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.