Fana: At a Speed of Life!

Tuurizimiirraa bu’aa barbaadamu argachuuf hojjetamaa jira-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 25, 2016 (FBC)-Humna diinagdee guddaa kan ta’e turizimii irraa bu’aa barbaadamu argachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan dubbatan.

Pireezidaanti Shimallis Riizoortii Nooraa abbaa darbii shanii baasii Birrii miiliyoona 750 ijaarame eebbisiisaniiru.

Sirna eebbichaarratti Pireezidaanti Shimallis akka jedhanitti mootummaan, Bishooftuun, magaalaa tuuriizimii akka taatuuf hojjechaa jira.

Buufanni xiyyaara guddichi magaalattiitti ijaaramuuf sohiin taasifamaa jiraachuu yaadachiisanii, pirojektoonni guguddan ijaarama jiran kunniin Bishooftuu bakka bashannanaaf filatamtuu addunyaa akka taasisu danda’uu ibsaniiru.

Riizoortiin Nooraas qulqullinaan waggoota lama keessatti ijaaramuun fakkeenyaa ta’uu ibsanii, dargaggoonnii fi dureeyyiin naannichaa qabeenya jiru misoomsuun faayidaa ummataaf akka ooluuf hojjechuu qabu jedhan.

Tuurizimiin humna diinagdee guddaa ta’uus himanii, damicharraas bu’aa barbaadamu argachuuf mootummaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa Magaalaa Bishooftuu giddugala turizimii akka taatuuf gaheen dureeyyii olaanaadha jedhan.

Abbaan Qabeenyaa Riizoortii Nooraa Obbo Shawaa Kinfee gama isaaniin haala mijataa mootummaan invastimantiif mijeessetti fayyadamuun akka hojjetan himaniiru.

Riizoortiichi wayita ijaaramaa ture namoota kumaa tokkoo oliif carraa hojii yeroo uumuu himanii, yeroo ammas namoota 300 oliif carraa hojii dhaabbii kan uumu ta’uu ibsuu ragaan Kominikeeshinii Magaalaa Bishooftuurraa argame ni mul’isa.

Galma ga’iinsa pirojektichaaf deeggarsa mootummaan taasiseefis galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.