Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan haaloo bahannaaf Iraaq fi Sooriyaatti haleellaa raawwachuun gabaafame

Finfinnee, Amajjii 25, 2016 (FBC)- Ameerikaan ajjeefamuu loltoota ishee haaloo bahuuf Iraaq fi Sooriyaatti bakkootaa 85tti haleellaa raawwachuun gabaafame.

Tarkaanfii haaloo bahannaa Ameerikaan halkan edaa fudhate xiyyaarota waraanaa fageenyarraa boombii dhukaasan hedduu fayyadamuun iddoowwan qiyyaafannaa adda baafaman 85 haleeluu BBC’n gabaaseera.

Iddooleen boombiin haleelaman humna hidhattoota Iraaniin deeggaraman dadhabsiisuufakka ta’e ibsameera.

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan haleellaan rawwatamaa jiru akka itti fufu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.