Fana: At a Speed of Life!

Qamadii jallisiin misoomerraa callaa kuntaala miiliyoonaa 105.8 eegama-BKO

Finfinnee, Amajjii 24, 2016 (FBC)- Barana Qamadii jallisiin misoomerraa callaan kuntaalli miiliyoonni 105.8 kan eegamu ta’uu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksise.

Biirichi haala yeroorratti ibsa miidiyaaleef kenneera.

Ibsicha kan kennan Hogganaan Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaan, mootummaan barana inisheetiivii adda addaa bocuun hojiilee hedduu milkeessaa jiraachuu eeran.

Keessumaa misooma qamadii jallisiin barana lafa hektaara miiliyoona 2.6 irratti misoomsuuf karoorfamee hektaarri miiliyoona 2.7 irratti misoomsuu ibsan.

Lafaa qamadii jallisiin misoome kanarraas callaan kuntaalli miiliyoonni 108.5 ol kan eegamu ta’uu Obbo Haayiluun himaniiru.

kana males oomisha bara 2015/2016 lafa hektaara miliyoona 9.6 irratti misoomsuun midhaan kuntaalli miliyoona 265 ol argamuu ibsaniiru.

Gama biraatiin dhibee busaa ittisuuf hojiilee bala’aan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan namoota miiliyoona 2.6 qorataman keessaa namoota kuma 945 irratti dhibeen busaa argamuus himaniiru.

Saaphanni siree miiliyoonni 7 ol qoodamuus dubbatan.

Naannichatti tajaajila fayyaa kennamu ammayyeessuu fi qaqqababummaa ttajaajilichaa dabaluuf manneen qorichaa moodeela 55 banuuf karoorfamee manneen qorichaa moodeela hawaasaa 87 banamuun tajaajila kennaa jiraachuu himaniiru.

kana amlees Hawaasni miseensa inshuraansii fayyaa ta’uun tajaajila fayyaa akka argatuuf abbootii warraa miliyoona 3.6 horatamuu ibsaniiru.

Miseensa Inshuraansii Fayyaa hawaasaa ta’uuf ji’a tokko waan hafeef uummanni yeroo kaa’ame keessatti akka itti fayyadamu Obbo Hayiluun dhaamaniiru.

Nageenyaan walqabatee gareen ABO shanee nageenya naannichaa booressuuf yeroo garaagaraatti labsii ugguraa labsaa turus kan hinmilkoofne ta’uu kaasan.

Garichi barataan mana barumsaa akka hindeemne, qonnaan bulaan hojii idilee isaa akka hinraawwanne taasisuu, namoonni dhukkubsatan gara mana yaalaa akka hindeemne danqaa ta’aa turuus himaniiru.

Nageenyi waaraan naannicha keessatti akka mirkanaa’uuf mariin nageenyaa akka itti fufuuf mootummaan ammas waamicha dhiyeessaa jedhaniiru.

Bahaayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.