Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa Yuukireeniif deeggarsa Doolaara biiliyoona 54 raggaasise

Finfinnee, Amajjii 24, 2016 (FBC)- Gamtaan Awurooppaa Yuukireeniif deeggarsa Doolaara biiliyoona 54 raggaasise.
Deeggarsichas dureewwan biyyoota miseensa gamtichaa 27 sagalee guutuun raggaasisuun eerameera.

Deeggarsi taasifames diinagdeen Yuukireen gama maraan tasgabbaa’ee akka itti fufuuf kan kaayyeffate ta’uu Pireezidaantiin Mana Maree Gamtaa Awurooppaa Chaarlees Miisheel dubbataniiru.

Keessumaa dhaabbilee fayyaa, wabii hawaasummaa fi tajaajiloota damee biroo cimsuuf kan ooluu ta’uun eerameera.

Kana malees, Yuukireen Raashiyaa waliin waraana gaggeessaa jirtu humna jabeessuuf kan gargaaru ta’uu ibsamuu CNN gabaaseera.

Pireezidaantiin Yuukitereen Voloodmiir Zeleniskiin, deeggarsicha sagalee guutuun raggaasisuun biyyootaa miseensaa, tokkummaa gamtichaa kan mirkaneessuudha jedhan.

Deeggarsa haaraa taasifameefis kan galateeffatan pireezidaantichi, fuuldurattiis deeggarsi gamtchi taasisu cimee akka itti fufu gaafataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.