Fana: At a Speed of Life!

Namni dhuunfaan Birrii miiliyoona 1 fi Doolaara biyyoota garaagaraa karaa seeraan alaa mana keessatti kuusee argame to’atame

Finfinnee, Amajjii 23, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti namni dhuunfaan Birrii miiliyoona 1 fi Doolaara biyyoota garaagaraa karaa seeraan alaa mana keessatti kuusee argame to’atamuu Poolisiin magaalichaa beeksise.

Jiraataa Kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 4 kan ta’e namni dhuunfaan kun Birrii miiliyoona 1 ol, Doolaara Ameerikaa kuma 26 fi 405, Doolaara Kaanadaa kuma 5 fi 100, Yuuroo kuma 34 fi 150, akkasumas Riyaalii Saa’uud Arabiyaa kuma 1 fi 635 mana jireenyaa keessatti seeraan ala kuusee argamuu ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.