Fana: At a Speed of Life!

Arsii Lixaatti xaa’oon kuntaalli kumni 200 qonnaan bultootaaf dhiyaachuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 23, 2016 (FBC)- Arsii Lixaatti xaa’oon kuntaalli kumni 200 qonnaan bultootaaf dhiyaachuun Eejensiin Babal’inaa Waldaalee Hojii Gamtaa Godinichaa beeksise.

Hoji Gaggeessan Eejensichaa Obbo Mahaammad Baatii akka ibsanitti, hanga ammaatti xaa’oon kuntaalli kumni 200 qonnaan bultootaaf dhiyaateera.

Raabsaa fi dhiyeessii xaa’oo yeroon qonnaan bultootaa biraan ga’uuf hojjetamaa jiraachuu kaasanii, hanna xaa’oo bara darbe mudateen walqabatees hojjattoota 140 irratti tarkaanfiin bulchiinsaa, akeekkachiisaa hanga hojirraa geggeessuu fudhatamuu Obbo Mahaammad ibsaniiru.

Rakkoolee raabsaa xaa’oo walqabatanii mudatan hambisuuf karaa dijitaalawaan raabsuuf qophii xumuruu Hoji Geggeessaan Yuuniyenii Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Utaa Waayyuu Obbo Muktaar Adam himaniiru.

Jibriil Huseentu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.