Fana: At a Speed of Life!

Waggoottan sadan dhufan keessa lakkoofsa Manaa fi Ummataa gaggeesuuf karoorfamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 23, 2016 (FBC) – Waggoottan sadan dhufan keessa lakkoofsa Manaa fi Ummataa gaggeesuuf karoorfamuu Ministeerri Pilaanii fi Karooraa beeksise.

Ministeerichi hojiilee waggoottan sadan itti aanaan keessa hojiitti hiikuuf karoorfate ifoomseera.

Haaluma kanaan waggoottaan sadan itti aanaan keessa lakkoofsa qaabeenyaa, qonnaa akkasumas lakkoofsa Manaa fi Ummataa gaggeesuuf karoorfachuu himeera.

Mootummaan lakkoofsa ummataa gaggeessuuf fedhii olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Karooraa Dooktar Fitsum Asaffaan ibsaniiru.

Yaa ta’uutii akkaataa ulaagaa idil addunyaan lakkoofsicha gaggeessuuf haalli mijataan dhabamuu isaan hanga ammaatti raawwachuun hin danda’amne jedhan.

Waggoottaan sadan dhufan keessa lakkoofsa manaa fi ummataa gaggeessuuf hojiin qophii duraa eegalamuu himuu ragaan Ministeera Pilaanii fi Misoomarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.