Fana: At a Speed of Life!

Manneen jireenyaa lammiilee harka qalleeyyiif ijaaraman fayyadamtootaaf dabarfaman

Finfinnee, Amajjii 23, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalaa Booleetti manneen jireenyaa lammiilee harka qalleeyyiif ijaaraman fayyadamtootaaf dabarfamaniiru.

Gamoon ammayyaa abbaan darbii 5 lammiilee harka qalleeyyiif ijaarame har’a eebbifamuun fayyadamtootaaf kannameera.

Gamoo kana Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee fi Dhaabbanni Giifti Riil Isteet tumsaan ijaaru eerameera.

Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, Abbaan Qabeenyaa Riil Isteet Gabrayesuus Ugaataa fi Bulchituun Kutaa Magaalaa Boolee Aadde Alamtsahaay Shifarraan manneen waliin jireenyaa waloo kana fayyadamtootaaf dabarsaniiru.

Aanaalee Kutaa magaalichaa 11 keessa lammiilee harka qalleeyyii filataman 30’f manneen kunneen dabarfamuu eerameera.

Manneen kunneen baatiwwan sadi keessatti ijaaramanii kan xumuraman ta’uu ibsameera.

Baatiwwan jahan darban qofa manneen waliin jireenyaa kumni 5 ol lammiilee harka qalleeyyiif ijaaramuu Aadde Adaanach ibsaniiru.

Maahileet Taklabirhaantu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.