Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi UNIDO’n waliigaltee Doolaara miiliyoona 28 mallatteessan

Finfinnee, Amajjii 23, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Dhaabbataa Misoomaa Indaastirii Mootummoota Gamtoomanii waliigaltee pirojektii Doolaara miiliyoona 28 mallatteessan.

Sirna waliigalticharratti Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samaariittaa Sawaasawu, Itiyoophiyaatti Bakkaa Bu’aa Dhaabataa Misoomaa Indaastirii Mootummoota Gamtoomanii Kalaabroo Awureeliyaa Patriziyaa fi Ministir Deetaa Ministeera Indaastirii Mahaammad Hasan argamaniiru.

Pirojektichi Inistitiyuutii Misoomaa Indaatirii Huccuuwwanii Itiyoophiyaatiin waggoottan shanan dhufan kan hojiirra oolu yoo ta’u, teeknooloojiiwwan bu’aa qabeessaa ta’an fayyadamuun guddina seektaraa huccuwwanii dagaagsuurratti kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Pirojektichis hafteewwan indaastiricha keessaa ba’an deebisanii faayidaaf oolchuun hanqina mudachuu malu hir’isuu fi bu’aa damee indaastirichaa dabaluuf kan tumsu ta’uun eerameera.

Aadde Samaariittaa Sawaasawu akka jedhanitti, mootummaan damee maanufaakchariingii guddisuu fi oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomshuun bakka buusuuf hojjechaa jira.

Kanaanis Dhaabbanni Misooma Indaastirii Mootummoota Gamtoomanii imala indaastiraalaayizeeshinii Itiyoophiyaan taasisaa jirtuuf deeggarsii taasisu cimee akka itti fufu amantaa qaban ibsuu ragaan Ministeeraa Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.