Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa 102 keessatti namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 10 ol vaayrasii koroona du’an

Finfinnee, Eebila 4, 2012(FBC) – Guyyaa kabaja ayyaana Hiikaa bara warra Giriigooriyaanitti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan du’anii kuma dhibba 1 fi kuma10 caale.
 
Addunyaarratti guyyoota 102 keessatti namoonni miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 8 fi kumni 3 fi 605 vaayrasii koroonaa qabamaniiru.
 
Namoota qabaman kanneen keessaa namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 10 fi 892 lubbuu dhabaniiru jedhame.
 
Akka gabaasa Yuunvarsiitii Johans Hopkiinsanitti Namoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 12 fi 356 dhibichaarraa bayyanataniiru.
 
Afrikaatti ammoo namoota kuma 13 fi 805 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 747 du’aniiru.
 
Namoonni kumni 2 fi 415 dhibicharraa dandamataniiru jedhame.
 
Akka ragaan Dhaabbatta Fayyaa Addunyaa muul’isutti biyyoota 52 keessatti qofa ogeeyyiin yaala fayyaa kumni 22 ol vaayrasii koroonaa qabamaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.