Fana: At a Speed of Life!

Karoora waloon misoomuu Itiyoophiyaa biyyoonni deeggaruu qabu-Ambaasaaddaroota

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC)- Karoora waloon misoomuu Itiyoophiyaa biyyoonni deeggaruu qabu malee irraa mormu akka hinqabne biyyoota garaagaraatti Ambaasaddaroonni Itiyoophiyaa ibsan.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Injiinar Silashii Baqqalaan fedhii fi gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa dhimma egeree itti fufsiisuuti jedhan.

Gaaffiin Itiyoophiyaa kaayyoo waloon misoomuu kan qabuu ta’uu hundu hubachuu qaba kan jedhan ammoo Chaayinaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Tafarraa Darribooti.

Kanaadatti Ambaasaddarri Itiyoophiyaa Fitshum Araggaa gama isaaniin qajeelfamni dippiloomaasii Itiyoophiyaa hariiroo cimsuun faayidaa waloo mirkaneessuudha jedhan.

Paakistaanitti Ambaasaddarri Itiyoophiyaa Jamaal Bakar, misooma ardichaa saffisisuu keessatti waliigalteen karra galaanaa carraa bal’aa kan qabu ta’uu himan.

Itiyoophiyaan waliigaltee karraa galaanaa argachuu Somaaliilaandi waliin mallatteessite qajeelfama kennanii fudhachuu fi karoora waloon misoomuu kan qabuudha jedhan.

Karoora waliin misoomuu fi waltumsuu, kennanii fudhachuu Itiyoophiyaan qabattee kanas biyyoonni deeggaru malee mormuu akka hinqabne Ambaasaddaroonni kunneen akkeekuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.