Fana: At a Speed of Life!

Warshaa oomisha talaallii Doolara miiliyoona 70’n ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC)-Warshaa Oomisha talaallii Doolaara miiliyoona 70’n ijaaruuf Paarkii Indaastirii Qilinxootti dhagaan bu’uuraa kaa’ame.

Saganticharratti Walitti Qabduun Koree Dhaabbii Dhimmoota Fayyaa, Aadaa fi Ispoortii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Warqasamuu Maammoo, Ministira Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Itiyophiyaa Akiliiluu Taaddasaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Sirnichaarratti Dooktar Liyaa Taaddasaan akka jedhanitti, oomishaalee biyya alaarraa galan biyya keessatti oomishuun akkasumas, sharafa alaa hambisuuf gumaachi pirojektichaa olaanaadha.

Milkaa’ina pirojektichaafis qaamolee gumaacha taasisan galateeffataniiru.

Obbo Akiliiluu Taaddasaan gama isaaniin, koorporeeshinchi dhaabbilee biyya keessaaf xiyyeeffannaan kennuu dabalaa dhufuu eeruun, keessumaa damee oomisha qorichaarratti Paarkiin Indaastirii Qilinxoo oomishtoota simachuuf qophii ta’uu himan.

Dabalataan, damichaan dandeettii fi fedhii kan qaban dhaabbileen biyya keessaa fi alaa yoomiyyuu kan simatu ta’uu eeruu ragaan koorporeeshinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.