Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy badhaasaa fi beekamtiin argatan kutannoo fi cimina hoggantummaa argisiisaniini-Billenee Siyyum

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad badhaasii fi beekkamtiin argatan kutannoo fi ciminaa hoggantummaa argisiisaniin ta’uu Itti Gaafatamtuun Pirees Sekireetaariyaatii Waajjira Ministira Muummee Billenee Siyyum ibsan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Yaa’ii Xaaliyaanii-Afrikaa akkasumas waltajjii Badhaasaa Dhaabbata Nyaata fi Qonnaa Addunyaarratti hirmaachuu fi haasawaa taasisuuf Roomiin jiraachuu ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin, yaa’ichi Afrikaa waliin daran walitti dhiyeenyaan hojjechuuf kan kaayyeeffate ta’uu akeekan.

Itiyoophiyaan waggoottan shanan darban ajanda fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaan jijjiiramni dhufaa jiraachuu dubbataniiru.

Fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaaf utubaawwan jiran keessaa qonni tokko ta’uu eeruun, invastimantiiwwan qonnaarratti hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ashaaraa magariisaa fi sagantaa Maaddii Guutuun akkasumas misooma qamadiin walqabatee bu’aan galmaa’e Itiyoophiyaan guddina argisiisaa jiraachuu kaasaniiru.

Damee qonnaan sochii taasifamuun bu’aalee jajjabeessaan argamaa jiraachuu kaasanii, badhaasni Meedaaliyaa “Agricola” Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa Dooktar Abiy Ahimadiif kenne kutannoo fi hoggantummaa argisiisaniin ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.