Fana: At a Speed of Life!

Booriis Joonsan Hospitaalaa ba’an

Finfinnee, Eebila 4, 2012(FBC) –Muummeen Ministiraa Biriitaaniyaa Booriis Joonsan dhibee koroonaarraa dandamachuun Hospitaalaa ba’uu isaanii ibsame.

Guyyoota sadiif kutaa yaala addaa (ICU) keessa kan turan Booriis Joonsan dhibichaarraa dandamachuun Hospitaala ba’aniiru jedhame.

Vaayrasichaan qabamanii guyyaa 10’nitti Hospitaala kan seenan Booriis Joonsan Dilbata darbe ture.

Muummeen ministirichaa yeroo dhiyootti gara hojiitti akka hin deebine dubbii himaani isaanii ibsaniiru.

Ogeeyyii yaalaa Hospitaala Qidduus Toomas Landanitti kunuunsa addaa taasisaniif Booriis Joonsan galateeffataniiru jedhame.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.