Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti manneen harka qalleeyyii kumni 64 ol haroomsamuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan jahan darbanitti manneen harka qalleeyyii kumni 64 ol haaroomsuu fi suphamuu Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii naannichaa ibse.

Biirichi raawwii karooraa baatiiwwan jahan darbanii magaalaa Adaamaatti gamaaggamaa jira.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartoota fi Daa’immanii Aadde Masarat Baacaa, naannichatti fayyadamummaa diinagdee dubartootaa guddisuu fi fayyummaa daa’immanii mirkaneessuuf hojiileen garaagaraa hojjetamuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan dubartoota sadarkaa jireenyaa gadaanaa kuma 120 ‘f hojiilee garaagaraarratti bobasuun fayyadamoo ta’uu himaniiru.

Akkasumas hojiilee tajaajila lammummaa hojjetamaniin, dubartoota sadarka sadarkaan jiran qindeessuun manneen harka qalleeyyii kuma 64 ol haaromsamuu fi suphamuu himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.