Fana: At a Speed of Life!

Haramayaatti guddugalli qorannoo vaayrasii koroonaa hojii eegale

Finfinnee, Eebila 4, 2012(FBC) – Yuunvarsiitii Haramayaatti giddugalli qorannoo vaayrasii koroonaa hojii eegaluu ifoomera.
 
Laaboraatooriin mooraa giddichaa yuunvarsiitichaa fi Koolleejjii Saayinsii Fayyaa magaalaa Harariitti argamu hojii eegaluu isaa ibsameera.
 
Akka OBN gabaaseetti Preezdaantiin naannoo Hararii fi itti aanaa hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Abdulqaadir Galgaloon laaboraatoorii kana hojii jalqabasiisaniiru.
 
Yuunvarsiitiin Haramayaa Veentiletarii Makaanikaalaa dabalatee meeshaalee weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf oolan oomishuurratti argama jedhame.
 
Torbee darbe naannoo Oromiyaatti giddugalli qorannoo vaayrasii koroonaa hedduun hojii kan eegalan ta’uu ibsamuun isaa kan yaadatamuudha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.