Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis badhaafamuu Dooktar Abiy ilaalchisuun ergaa baga gammaadanii dabarsan

Finfinnee, Amajjii 19, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaaobbo Shimallis Abdiisaan badhaafamuu Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ilaalchisuun ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Pireezidaanti Shimallis, gama miidiyaa hawaasummaa isaniin ergaa dabarsaniin “Ministeeraa Muummee keenya, Looreetii Nagaa Adunyaa Dooktor Abiyyi Ahmad, ammas beekamtii idil-addunyaa argachuu isaaniitiin ummata Itiyoophiyaa maraan baga gammaddan jechuun barbaada” jedhan.

Dooktor Abiyyi, hoggansa kalaqaawaa wabii nyaataa, dhiyeessii nyaata madaalawaa fi omisha qamadiitiin ofdanda’uu irratti kennaniin bu’aa yeroo gabaabaa keesatti argameef, Mootummoota Gamtoomanitti, Dhaabbanni Nyaataafi Qonnaa (FAO) badhaasa “AGRICOLA Medal” badhaasuu yaadachiisan.

Badhaasni maqaa ulfinaa Ministeeraa Muummeen Dooktar Abiy Magaalaa Roomitti fudhatan kun, imaammannii fi tarsiimoon keenya mo’ataa ta’uu qaama hundaaf kan dhugaa bahee fi imala badhaadhinaa dhugoomsuuf qabame caalmatti akka itti fufsiisnu hamilee kan horuudha jedhan.

Milkaa’inni kun lammiilee Itiyoophiyaa hundaaf injifannoo waloo fi bu’uura kabaja biyya keenyaa waan ta’eef, irra deebiin baga gammaddan, baga gammanne jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.