Fana: At a Speed of Life!

Buufanni rabsaa humna elektirikii Qabira Dahaar hojii eegale

Finfinnee, Eebila 4, 2012(FBC) – Abbaan Kiiloo Vooltii 132/33 buufanni rabsaa humna elektirikii Qabira Dahaar ifatti hojii eegaluu isaa ibsame.

Buufata rabsaa humna elektirikaa kana hojii raawwachiisaan humna elektirikaa Ityoophiyaa obbo Ashabbir Baalchaa fi itti aanaan Preezdaantii naannoo Soomaalee obbo Musxafee Mahaamamad eebbisuun tajaajila eegalchiisaniiru.

Dameen humna guddina diinagdeef gumaacha olaanaa qabaachuu obbo Ashabbir ibsuun, humna elektirikaa guutuu biyyattiitti waliin ga’uuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jira jedhan.

Buufanni Qabira Dahaar hojii eegaluun isaa guddinna diinagdeef naannoo Soomaaleef qooda guddaa tapha jedhan.

Ummata naannichaan baga gammaddaan jedhaniiru.

Bu’uraalee misoomaa hundaaf bu’urri humna elektirikaat kan jedhan itti aanaan Preezdaantiin naannoo Soomalee obbo Musxaafee Mahaammad jijjiirramaa as buufaanni kun naannichatti buufata 2ffaa ta’uu ibsaniiru.

Yeroo itti aanuu magaalootan akka Waardeer humna ibsaa akka arganatiif xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Qaamooleen hundi qindoominaan fi xiyyeeffannoon hojjechuu isaaniitiin buufanni kun yeroo gabaabaa keessatti ijaarramee akka xumuramuuf shoora ba’eera jechuu isaanii ragaan Humna Elektirikii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.