Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi guddaan Wancii Boru gaggeeffama

Finfinnee, Amajjii 17, 2016 (FBC) – Fiigichi guddaan Wancii hunda hirmaachisu boru Wanchiitti ni gaggeeffama.

Fiigichicha gaggeessuuf haaldureewwan garaagaraa hundi xumuramaa jiraachuu hogganaan Biiroo Dargaggoof Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiwoos Sobbooqaan ibsaniiru.

Dorgommicharratti atileetoonni biyyoota adda addaa 327 ta’anii fi atileetoonni buleeyyiin koorniyaa lamaanii kiiloomeetira 10 kan dorgomanta’uu himaniiru.

Akkasumas daa’imman umrii 9 hanga 11 kiiloo meetira 1n ni dorgomu jedhame.

Fiigicha guddicha kana irratti Atileetoonni kuma 6 ta’an kan hirmaatan ta’uu himaniiru.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.