Oromiyaatti Baatiwwan jahaan darban dhaabbilee daldalaa kuma 98 olirratti tarkaanfiin bulchiinsaafi seeraa fudhatame – BDO
Finfinnee, Amajjii 17, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Baatiwwan jahaan darban dhaabbilee daldalaa kuma 98 olirratti tarkaanfiin bulchiinsaafi seeraa fudhatamuu Biiroon Daldalaa naannichaa beeksise.
Daldala seeraan alaafi hojmaata kontrobaandii to’achuun sirna daldalaa hammayyaa’aa hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu biirichi ibseera.
Bara 2016tti dhaabbilee daldalaa 968,700 irratti to’aannoo gaggeessuuf karoorfame keessaa hanga xumura kurmaana 2ffaatti dhaabbilee daldalaa kuma 602 fi 795 irratti to’annoon taasifamuu Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Daldala Oromiyaa Obbo Tasfaayee Gashoo ibsaniiru.
Dhaabbilee daldalaa kuma 98 fi 933 seeraan ala ta’uun isaanii adda bahuun irratti tarkaanfiin bulchiinsaafi seeraa irratti fudhatamuu Obbo Tasfaayeen himaniiru.
Waliigala Hanga ji’a muddee bara 2016tti daldala seeraan alaa, kontrobaandiifi adabbii adda addaarraa galiin Birriin miiliyoonni 443.695 argamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.