Fana: At a Speed of Life!

Birrii biiliyoona 1 ol gochaa waliin dhahiinsaarraa baraarame-KNFMF

Finfinnee, Amajjii 17, 2016 (FBC)- Baatiiwwan ja’an darbanitti Birrii Biiliyoona 1 ol gochaa waliin dhahiinsarraa baraaramuun Koomishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa beeksise.

Dursaan Hoji Raawwachiisaa Ittisaa Malaammaltummaa Hatattamaa Komiishinichaa Gazzaanyi Gaashaawu raawwii baatiiwwan ja’an darbanii ilaalchisuun ibsa kennaniin, bara baajatichaatti baatiiwwan ja’atti hojiileen ittisa malaammaltumma hatattamaa 231 sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffamuu himan.

Hojii ittisaan Maallaqaa Birri biiliyoona 1 olii fi lafa baadiyyaa karee meetira miiliyoona 21 gochaa waliin dhahiinsarraa baraaruun akka dada’ame kaasan.

Qaamolee gochicha keessaa harka qabanis itti gaafatamatoota taasisuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hawaasni eeruu kennuun gahee olaanaa bahachaa turuu ibsanii, fuuldurattis qabsoo farra malaammaltummaa taasifamurratti dammaqinaan hirmaannaa akka taasisan gaafataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.