Fana: At a Speed of Life!

Balaa Tiraafaikaa mudateen lubbuu namoota 3 darbe

Finfinnee, Amajjii 17, 2016 (FBC)- Godina Jimmaa Aanaa Sokorruu Magaalaa Qumbiitti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota sadii darbe.

Balichaan namoota 11 irra miidhaan qaamaa cimaa fi salphaan qaqqabuu Waajjirri Poolisii Aanaa Sokorruu ibseera.

Konkolaataan deebbisaa ummataa (Qixqixii) Jimmaa irraa gara Finfinneetti imalaa ture garagaluun akka ta’e eerameera.

Namootni balaa cimaa fi salphaan irra gahes buufata fayyaa fi hospitaalatti wal’aansa argachaa jiraachuun eerameera.

Sababni balichaas qoratamaa jiraachuun ibsameera.

Wandaafarraa Yaalawutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.