Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa dambii labsii yeroo ariifachiisaa raawwachiisuuf ba’e irratti murtee dabarse

Finfinnee, Eebila 4, 2012 (FBC) Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 82ffaa gaggeesseen dambii labsii yeroo ariifachiisaa raawwachiisuuf ba’e irratti mari’achuun murtee dabarseera.

Manni marichaa weerarri dhibee COVID-19 sadarkaa addunyaatti daraan babal’achuun lubbuu namaa, diinagdee fi hawaasummaa haalaan miidhaa jiraachuu ilaaleera.

Weerara yeroo gara yerootti dabaluun miidhaa hammaataa qaqqabsiisaa jiru kana hojmaata idileen to’achuun sadarkaa hin danda’amnerra ga’uu isaa eerera.

Dhibee kana to’achuu fi ittisuuf, akkasumas miidhaa ga’u hir’isuuf manni mari’acha labsii yeroo ariifachiisaa labsuun isaa kan yaadatamuudha.

Heera mootummaa biyyattii keewwata 93/4/ bu’ura godhachuun Manni Maree Ministirootaa dambii dhimmoota bu’uraa of keessatti hammate labsii yeroo ariifachiisaa kana raawwachiisu baaseera.

Bu’uruma seeraatiin weerara COVID-19 ittisuuf, to’achuu fi miidhaa geessisu hir’isuuf dambii labsii yeroo ariifachiisaa lakkoofsa 3/2012 raawwachiisuuf dhiyaaterratti gadi fageenyaan mari’achuun sagalee guutuun murteessera jedhame.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.