Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiynonni dhaloota 2ffaa Finfinnee naannawaa garaagaraa daawwachaa jiru

Finfinnee, Amajjii 16, 2016 (FBC)- Waamicha Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin taasifame simachuun Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaa Finfinneetti bakkeewwan garaagaraa daawwachaa jiru.

Sagantaan daawwannichaas walta’iinsa Ministeera Tuurizimii, Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaa kan qophaa’e ta’uun eerameera.

Itiyoophiyaanonni kunneen Pirojektii Adwaa 00, Godambaa Biyyaalessaa fi Paarkii Inxooxxoo daawwachuun ibsameera.

Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaa seenaa fi aadaa biyyaa isaanii akka beekanii fi hariiroo isaanii daran akka cimsan taasisuuf kan kaayyeffateedha jedhameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.