Fana: At a Speed of Life!

Agarsiifni Horsisee Bultootaa Gaanfa Afrikaa Amajjii 17 eegalee Finfinneetti gaggeeffama

Finfinnee, Amajjii 16, 2016 (FBC)- Guyyaa Horsiisee Bultootaa Itiyoophiyaa kabajamu ilaalchisee Agarsiisni Horsiisee Bultoota Gaanfa Afrikaa Amajjii 17-23, 2016’tti Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uun ibsame.

Guyyichis Mata Duree “Horsiisee Bultummaan Midhagina Gaanfa Afrikaa” jedhuun Dhaabbata Misooma Mootummoota Baha Afrikaa waliin ta’uun kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Guyyichi kabajamuun gahee Itiyoophiyaan siyaasaa quubsumaa naannawicha keessatti qabdu daran guddisuuf kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Ministir Deetaan Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Indiriyaas Geetaan ibsa kennaniin, agarsiisni Horsiisee Bultootaa Gaanfa Afrikaa Guyyaa Horsiisee Bultootaa Itiyoophiyaa kabajamuun walqabatee kan gaggeeffamuudha jedhan.

Qophichaarratti horsiisee bultoonni naannolee biyyattii 7’rraa baba’an 960 fi Gaanfa Afrikaarra 250 ta’an kan hirmaatan ta’uu himaniiru.

Dabalataan qondaaltonni mootummaa, hawaasni dippiloomaasii akka hirmaatan eeran.

Guyyichatti horsiisee bultoonni aadaa isaanii kan beeksisan, bu’aalee misooma naannawaa horsiisee bultootaa mul’isuu, carraalee invastimantii jiranii fi tuuriizimii beeksisuuf kan tumsuudha jedhan.

Kaayyoon qophichaas Horsiisee bultummaan bu’uura jireenyaa ta’uu argisiisuuf, rakkoolee keessaa ba’uun humna diinagdee ta’uu argisiisuuf carraa kan uumuudha jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.