Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin Carraa Hojii uumuurratti waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Amajjii 15, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin carraa hojii uumuu fi ogummaarratti waloon hojjechuuf waliigaltee hojiirraa oolmaa mallatteessaniiru.

Deeggarsichas Ministir Deetaan Ministeera Mallaqaa Samaaritta Sawaasawuu fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Xaaliyaanii Igoostinoo Paaleez mallatteesaniiru.

Waliigaltichaan, deeggarsa Yuuroo miiliyoona 12 taasifame keessaa Yuuroon miiliyoonni 10 liiqiin yoo ta’u, Yuuroon miiliyoonni 2 immoo deeggarsaan ta’uun ibsameera.

Waliigaltee hojiirraa oolmaa kanaan waggaa waggaan dargaggoota miiliyoona 2‘f carraa hojii uumuuf sochii taasifamu kan deeggaru ta’uun ibsamuu ragaan Ministeera Mallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.