Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaa Kaabaa Siidaan Mallattoo Abdii Tokkoomaa diiguun dhaga’ame

Finfinnee, Amajjii 15, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Jongi Uun Kooriyaawwan lameen nagaan walitti deebi’uu akka hindandeenye ergaa dubbatanii guyyoota muraasa boodaa Siidaan mallattoo abdii ta’e diigamuun dhaga’ame.

Muddamni Naannawaa Galoo Galaanaa Kooriyaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufuurraan bara Faranjootaa 2000 Siidaan walitti deebi’uu biyyoota lameenii ijaarame to’annoo saatilaayiti jalaa baduun eerameera.

Ta’us, siidichi yoomii fi essaatti akka geeffame wanti ibsame kan hinjirre ta’uun gabaafameera.

Erga torbanoota muraasaa as haasawaan isaanii kan jabaachaa dhufe Kiim, siidaa abdii tokkoomuu Kooriyaa, irra deddeebiin haasawaa isaaniin kaasaa turuu The Guardian gabaaseera.

Irra deebiin tokkoomuu biyyaalessaa jedhamuun kan beekamuu fi meetira 30 kan dheeratu siidaan kunis ofitti amanamummaa, nageenyaa fi walta’iinsa biyyaalessaa akka ibsu ragaan mootummaa Kooriyaa Kibbaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.