Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanffin Humnoota Finxaaleeyyirratti fudhatamu cimee itti fufa-Letenaal Jeneraal Birhaanuu Baqqalaa

Finfinnee, Amajjii 15, 2016 (FBC)- Tarkaanfiin humnoota finxaaleeyyirratti fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu Ajajaan Ajaja Kaabaa Lixaa fi Walitti Qabaan Koomaandi Poostii Naannawicha Letenaal Jeneraal Birhaanuu Baqqalaan ibsan.

Mariin haala raawwii ergamaa, injifannoo argame fi bobbii fuuldureerratti xiyyeeffate Magalaa Goondooritti gaggeeffameera.
Letenaal Birhaanuun maricharratti hasaawa taasisaniin, hawaasa waliin qindoomuun humnoota finxaaleeyyi dadhabsisuun barbaachisaadha jedhan.

Qaamolee hoggansaa fi caasaa nageenyaa ijaaruun hojiileen bu’aa qabeessaa ta’an hojjetamuu eeruu ragaan Raayyaa Ittisaa Biyyaarrraa argame ni mul’isa.

Hoggansi godina fi Aanaalee, qaamoolee nageenyaa waliin hojjechuun bu’aa caaluu galmeessuun akka eeggamu hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.