Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaa fi Ingiliz garee finciltootaa Huutii Yemenirratti halleellaa gaggeessan

Finfinnee, Amajjii 14, 2016 (FBC)- Ameerikaa fi Ingiliz quubsuma garee finciltootaa Huutii Yemenirratti halleellaa haaraa qilleensarraan gaggeessuun eerame.

Mankuusaa meeshalee waraanaa lafa jalaa, bakka to’annoo misaa’elaa Huutii dabalatee bakkoota qiyyaafannaa saddeet irratti dabalataan haleellaa marsaa biroo raawwachuu Peentaagoon beekiseera.

Halleellaan raawwatames muddama naannawaa Galaanaa Diimaatti mudate fi naannawichaa tasgabbeessuuf akka ta’e akeekameera.
Ameerikaa fi Ingiliz waloon yeroo 2ffaaf garicharratti halleellaa yoo raawwatan, Ameerikaan garuu yeroo 8ffaaf ta’uun ibsameera.

Gareen Finciltootaa Huutii dooniiwwan daldalaa Galaanaa Diimaarraa qaxxaamuran Israa’elii fi biyyoota Lixaa waliin hariirro qabu jechuun haleellaa irratti raawwachuun kan yaadatamuudha.

Ameerikaa fi Ingili gama isaaniin sarara daldalaa walabaa eeguuf hojjechaa jirra jechuu isaanii BBC’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.