Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti abbootii qabeenyaa kuma 1 fi 308 eeyyamni invastimantii haaraan kenname

Finfinnee, Amajjii 13, 2016 (FBC)- Finfinneetti abbootii qabeenyaa kuma 1 fi 308 eeyyamni invastimantii haaraan kennamuu Komishiniin Invastimantii Magaalaa Finfinee beeksise.

Daayrektarri Karooraa fi Hordoffii fi Deeggarsa Baajataa Aadde Innaatnash Taammanaa, baatiiwwan ja’an darban fedhii misoomsitoota bu’uureffachuun hojiin fooyyessa jijjiirama invastimantii taasifamuu kaasan.

Haaluma kanaan, abbootii qabeenyaa 225’f eeyyama fooyyessa jijjiirraa invastimantii kennuuf karoorafmee abbootii qabeenyaa 121’f kennamuu eeran.

Gama biraatiin abbootii qabeenyaa 973’f haaromsi invastimantii kennamuu ibsaniiru.

Komishinichi tajaajilootaa addaa addaa misoomsitootaaf kennurraa galii Birrii miiliyoona 12.3 walitti qabuu fi tajaajilamtoonni tajaajila oonlaayinii akka argatan taasifamuu kaasaniiru.

Bara baajatichaatti damichaan carraalee hojii dhaabbii kuma 5 olii fi kan yeroo kuma 3 fi 700 ol akka uumamuu Aadde Innaatnash himaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.