Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan biyya seenaa fi aadaaa ajaa’ibaa daawwatamuu qabduudha-Tuuristoota

Finfinnee, Amajjii 11, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan biyya seenaa fi aadaaa ajaa’ibaa daawwatamuu qabduudha jechuun Turistoonni Ayyaanaa Cuuphaarrattii hirmaatan ibsan.

Ayyaana Cuuphaa Finfinnee Hurufaa Boombiitti kabajamerratti tuuristoonni hirmaatan sirni kabaja ayyaanichaa miiraa addaa kan namatti uumuu ta’uu eeran.

Paastar Martiin Reeksi Wiiliyaam akka ibsanitti, kabaja Ayyaana Cuuphaarratti baay’inni ummaataa, aadaan, sirni amantaa fi uffannaan addaa addaa miiraa addaa kan uumuudha jedhan.

Jireenya hawaasaa keessatti aadaa fi seenaa bal’aa beekuuf Itiyoophiyaan bakkeewwan hawwataa tuuristii filatamtuudha jedhan.

Lammiin Jarmaan Mahaakii Giriis gama isheen, aadaan, nyaatnii fi uffanaan Itiyoophiyaanotaa akka ajaa’ibsiisuun ni eerti.

Itiyoophiyaan biyya aadaa, seenaa fi tokkummaa qabdu ta’uu eeruun, tuuristoonni dhufanii akka daawwatan ibsuu TOI gabaaseera.

Ingiliz Magaalaa Laandanirraa kan dhufan Siindii fi Emiiy Gilovar akka ibsanitti Itiyoophiyaa kan dhufan yeroo jalqabaaf ta’uu fi waloomni ummataa fi sirna amantaa gaggeeffameetti kan ajaa’ibaman ta’uu himaniiru.

Fuuldurattis irraa deebiin Itiyoophiyaa daawwachuuf murteessuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.