Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech hojjettoota ijaarsa pirojektoota magaalattiif maaddii qoodan

Finfinnee, Amajjii 11, 2016 (FBC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hojjettoota ijaarsa pirojektoota magaalattiif maaddii qoodaniiru.

Aadde Adaanech gama midiyaa hawaasummaa isaaniin, hojjattoota boqonnaa malee guyyaa ayyaanaa dabalatee halkanii fi guyyaa pirojektoota ijaaraa jiran waliin Ayyaana Cuuphaa kabajuu eeran.

Dhiibbaa qala’iinsa jireenyaa jiraattotaa salphisuu fi hawwattummaa magaalaa Finfinnee dabaluuf, pirojektoota guguddoo eegalamanii fi hojiilee nama irratti xiyyeeffatan, yeroo fi baajata qabameen qulqullinaan xumuruun, tajaajilaaf banaa taasisuun Finfinnee akkuma maqaa ishee miidhagduu ni taasisna jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.