Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarqi ergaa baga ittiin isin gahee

Finfinnee, Amajjii 11, 2016 (FBC)- Pireezidaantii FDRI Saahilawarqi Zawudeen Ayyaanaa Cuuphaa ilaalchisee ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, Ayyaanota addabaabayyitti bahamanii kabajaman keessaa ayyaanni cuphaa tokko ta’uu eeraniiru.

Ayyaanichis UNESCO’tti kan galmaa’e hambaa addunyaa kunuunfamuu qabudha jedhan.

Itiyoophiyaanonni kaayyoo waloo yoo beekan, kan isaan qoqqoodu irra kan isaan tokkoomsu akka caaluu irra deddeebiin argisiisaa jira jedhan.

Ayyaana Cuuphaa Lammiilee Itiyoophiyaa fi turistoota biyyoota garaagaraarraa dhufan waliin akkuma baratame akka kabajamu, hambaa ta’ee itti fufuun ayyaanichaas yoo sirnaan kabajameedha jedhan.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.